Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroon Filannoo Itiyoopiyaa Dheerachuun Danqaa Siyaasaa Uume: Gamtaa Mana maree Paartilee Siyaasa Itiyoopiyaa


Ethiopia Elections

Itiyoophiyaan danqaa siyaasaa keessa seente keessaa akka baatuuf hirmaannaa paartilee polotiikaa maraatu barbaachisa jechuu dhaan gamtan mana maree paartilee siyaasa Itiyoopiyaa yaadachiiseera.

Yeroon Filannoo Itiyoopiyaa Dheerachuun Danqaa Siyaasaa Uume: Gamtaa Mana maree Paartilee Siyaasa Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:47 0:00

Paartiin biyya bulchuu fi manni maree bakka bu’oota uummataa kana irratti tattaaffii addaa akka godhan illee hubachiisee jira.

Manni maree kun kaleessa gara galgalaa ibsi inni marsariitii irratti maxxanse sababaa weerara COVID -19n yerooon filannoo dheerachuun isaa kan dhaqqabsiise gama heeraatiin danqaa uumuu qofa utuu hin taane rakkoon siyaasaa guddaan akka uumamuuf sababaa ta’e jedheera.

Danqaa kana keessaa ba’uuf mootummaa fi paartileen siyaasaa yaalii gama adda addaa gochaa jiru kan jedhu kan jedhe manni maree gamtaa paartilee siyaasaa kun yaada furmaata ta’a jedhe shan illee tarreessee jira.

Ibsa sana keessatti yaada furmaataa tarreeffaman keessaa tokko keessatti akka ibsametti keessumaa filannoo gama ilaaleen carraa hegeree biyyattii wal ta’uun murteessuun mirgaa fi dirqama qaama maraa waan ta’eef filannoon wal qabatee yaadi qaama isa kam irraa iyyuu dhiyaatu marii bal’aa fi walii galtee isa barbaachisa jedha.

Kana raawwachiisuuf paartiin biyya bulchuu fi manni maree bakka bu’ootaa itti gaafatamni guddaan akka irra jiru gamtaan mana maree kun yaadachiiseera. Ibsi sun itti dabaluu dhaan rakkoo amma uumameef furmaati gama seeraa qofaa utuu hin taane kan siyaasaas ta’uus hubachiisee jira.

Gamtaan mana maree kun kan paartilee siyaasa Itiyoopiyaa paartii biyya bulchu dabalatee gamtaa haaraa paartilee morkattootaa mara of keessaa qabu jechuu dhaan Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG