Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoon Ofitti Haammata Malee Aadaa Jibbaa fi Nama Ajjeesuu Hin Qabu: Hoogganaa Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa


Hoogganaa Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Geetaachoo Baalchaa
Hoogganaa Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Geetaachoo Baalchaa

Ajjeechaa Aartsit Haacaaluu Hundeessaa booda hookkara naannolee Oromiyaa hanga tokko keessatti raawwatameen lubbun namaa badee qabeenyaan manca’uun gabaasamee jira.

Mootummaanis gama isaan ibsa kennee jira. Kanaanis wal qabatee hoogganoota paartilee morkattootaa dabalatee namoonni hedduun to’annaa jala oolaniiru. Haala Oromiyaa keessatti raawwatame kana kan nuuf ibsan itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa badii uumame kana kanneen raawwatan saba isa kana ykn isa sana kan jedhu irraa miti jedhan.

Kanneen maqaa saba Oromoo xureessanii fi kan akka waan sabi kun nama ofitti qabuu hin jaallannetti ololan, naannoo Oromiyaa keessa dhufee kan hin jiraanne sabaa fi sab lammiin hin jiru jedhan. Sabi kun ofitti haammataa fi saba jaalalaa ti jedhanii kanneen badii kana raawwatan qaamotii adda addaa ta’uu dubbatu.

Oromoon ulaagaa kamiinuu aadaa nama ajjeesuus ta’e nama jibbuu hin qabu kan jedhan obbo Geetaachoon kanneen badii raawwatan to’annaa jala oolanii galmeen irratti qulqullaa’aa jira jedhaniiru.

Oromoon Ofitti Haammata Malee Aadaa Jibbaa fi Nama Ajjeesuu Hin Qabu: Hoogganaa Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:46 0:00


XS
SM
MD
LG