MINIAPOLIIS, MINISOOTAA —
Waldaan Hawassa Oromoo Minisootaa dhaabbatoota mootummaa Minisoota wajjiin waliin tahuun tajaajila garagaraa ummata Oromoo magaalaalee Miniyaapoolisii fi Seent Pool keessa jiraataniif kennaa ka jiru tahuu beekisie.
Dargaggoota ga’oomsuu, dhimma fayyaa irratti barnoota kennuu fi namoonni gargaarsa barbaadan akka carra hojii argataniif gargaaruu irratti xiyyeechuun akka hojjechaa jiru dubbatu, Daarektari Waldichaa obbo Jamaal Galatoo. Alamaayyoo Qannaa Miniyaapolisii irraa gabaasa qindeesse qaba.