Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Bilisummaa Oromoo Dilbata, Bitootessa 18, 2018 Gidaamii fi Beegii Keessatti Raayyaa Ittisaa Haleele, Jedhu Jiraattonnii fi Aangawoonni Mootummaa


Loltoota Adda Bilisummaa Oromoo, Mooyalee, bara 2009
Loltoota Adda Bilisummaa Oromoo, Mooyalee, bara 2009

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, godinaa Qellem Wallaggaa, aanaalee Gidaamii fi Beegii keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa irratti haleellaa banuudhaan, konkolaataa loltoota fe’ee deemu gubuu fi loltoota ajjeessuu dabalee miidhaa geessisuu isaa, jiraattonnii fi aangawoonni naannoo sanaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Dhimmoota yeroo ammaa, kan labsii yeroo hatattamaa irratti Sanbata dabre kana kan ibsa kennanii turan – Koomishinarri Koomishinii Poolsiii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Asaffaa Abiyyuu, “gurmuulee biyya jeeqan kan leenjisee hidhachiisee biyya keenyatti bobbaasaa jiru – Ertiraa dha” jechuun balaaleffatan.

Mootummaan Ertiraa immoo “Mootummaan Itiyoophiyaa rakkoo isaa biyya keessaa hidda gad fageeffateef sababaa biraa barbaaduu mannaa, deebii dhuga-qabeessa tahe itti kennuu isaaf wayya” – jechuudhaan, balaaleffannaa mootummaa Itiyoophiyaa sana “dhara” jechuun haale. Gama biraan, dhiheenyuma kana, haleellaa godinaa Booranaa keessatti geggeessame ilaalchisuun kan ibsa kennanii turan, bakka-bu’aan Komaand Poositii Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa, Jeneraal hasan Ibraahim, “loltoonni Adda Bilisummaa Oromoo, kallattii biyyattii sadi’iin – jechuun – gama Bahaa, gama Lixaa fi gama Kibbaatiin akka biyyattii seenuuf sochaa’uu jiran beekamaadha” jedhanii turan. Dubbi-himaan Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Toleeraa Adabaa, Addi Bilisummaa Oromoo humna guutummaa Oromiyaa keessa uummata isaa waliin socho’aa jiru, jechuun deebii kennanii turan.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo Dilbata, Bitootessa 18, 2018 Gidaamii fi Beegii Keessatti Raayyaa Ittisaa Haleele, Jedhu Jiraattonnii fi Aangawoonni Mootummaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:52 0:00

XS
SM
MD
LG