Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amma Humna Keenyaa Yoo Tattaafanne Lafa Hog-Barruun Saboota Biroo Ga’e Dhaqqabuu Dandeenya.Barataa Lalisaa Indiriis


Lalisaa Indiriis Adem
Lalisaa Indiriis Adem

Umriin isaa 22 kan ta’e fi barataa yunivarsitii Finfinnee waggaa lammaffaa kan ta’e dargaggoo Lalisaa Indiriis Adem Dilbata darbee jechuun Ebla 22 bara 2018 Finfinnee keessa ka jiru galma Abbaa Gadaa keessatti kitaaba isaa isa sadaffaa eebbisisee jira.

Barataa mummee Afaan oromoo kan ta’e Lalisaan kitaabii isaa Dilbata darbee eebbisisse “Qaallicha Gaafadhu” kan jedhuu fi Dilbii ykn kuusaa walaloo afurtamii afur of keessaa qaba.

Kitaabnii asoossomaa jalqaba barreesse mata duree mata dureen isaa “Dhidhibbaa caba dabalee” kan jedhu yoo ta’u inni lammaffaan immo “Galfata” mata duree jedhu qaba ture.Kitaaboonni kun lameen asoossoma haa ta’an malee haala qabatamaa biyyatti keessa jiru irraa ka’uun akka barreesse dubata barataa Lalisaan.

Kitaabnii walaloo inni sadaffaa fi Dilbata darbee eebbifame kun mata dureen jiran hundinuu “namaa fi uumama” gidduu walitti dhufeenya jiru irratti hirkatee kan barreeffaman ta’u ibse.

Kanaaf namnii lubbuun turee dhuma irratti akka darbu akkuma beekamu uumamnii garu itti fufiinsa akkuma qabu kitaabnii koo jijjirama yeroo ykn mootummaa wajjiin akka hin dagatamne godheen barreesse jedha dargaggoo Lalisaa Indiriis.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa.

Amma Humna Keenyaa Yoo Tattaafanne Lafa Hog-Barruun Saboota Biroo Ga’e Dhaqqabuu Dandeenya.Barataa Lalisaa Indiriis
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:15 0:00

XS
SM
MD
LG