Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deemsii Manni Murtii Federaalaa Amma Iyyu Waan Jijjirame Hin Qabu:Abukaatoo


Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 16 bara 2010 hiriira deggersaa mummicha ministeeraa Abiyyi Ahamdiif ba’amee irratti haleellaan bombii dhaqqabee lubbuu nama lamaa galaafatee kanneen biroo hedduu madeessuun ni yaadatama.Gocha kana waliin wal walqabatee namoonni to’annaa jala olanii mana murtiitti deddebi’aa akka jiran gabaafamaa jira.

Gama kaaniin walitti bu’iinsa nannnoo Buraayyutti uumamee lubbuu namootaa galaafateen kan ka’e dargaggonni hidhaman mana murtii duratti dhiyeeffamaa jiru.Warra to’annaa jala jiran Irra hedduu isaaniif abukaatoo ka ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanti deemsi mana murtii inni haaromsaan dura ture fi kan amma adda addummaa hin qabu jedhu.

Mummichi ministeeraa Dr. Abiiyyi Ahamd ammaan dura ibsa kennaniin ragaan barbaachisuu eega funaanamee booda namnii to’annaa jala oola kan jedhan ta’uus manni murtii garu amma iyyu erga nama to’annaa jala olchee booda ragaa sassaabaa jedhan.

Gaaffii fi Deebi Gaggeeffame Caqasaa.

Deemsii Manni Murtii Federaalaa Amma Iyyu Waan Jijjirame Hin Qabu:Abukaatoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:37 0:00

XS
SM
MD
LG